Walgahiin ummataa tun kutaa ABO kaanaadaatiin qophoyte. Walgahii kana irratti miseensoota ABO kutaa kaanaadaa, miseensoota Caayaalee ABO fi Ummata Oromoo magaalaa Toronto fi naannawa kana qubatantu hedduminaan irratti irgame. Hogganni dhaabaa walgahii kana irratti ibsa kenne MSHG, ABO fi GDDA, ABO J/Tamaam Yusuf. Hirmaatonni walgahii kanaa Ibsa hogganni kenne irrattiis gaaffii qaban gaafatanii deebisaa quubsaa waan argataniif gumaata diinaggee dhaabni gaafate gumaachuu jalqaban, sagantaan gumaataa akkuma raawwateen marii ti seenan, xumura marii irratti ibsa ijjannoo armaan gadii kana baafachuun walgahii isaanii Injifannoon xumuratan:
Injifannoo Ummata oromoof Gadaan Gadaa Bilisummaati